Gabaa misirroo Hindii bakka abbaan warraa itti bitamuu

Gabaa misirroo Hindii bakka abbaan warraa itti bitamuu!

Bulchiinsa Hindii Bihaar keessatti kan argamu gabaan kun waggaa 700 lakkoofsiseera
Dubartoonni abbaa manaa barbaadan maatii isaanii waliin ta’uun gabaa dhaqanii bitachuu danda’u

Waggoota 700 oliif bulchiinsa Hindii Bihaar gabaa misirroo adda ta’e kan dubartoonniifi maatiin isaanii abbaa warraadhaaf bitatan qopheessiteetti.

Waggaa waggaan dhiironni kumaatamaan lakkaa’aman muka piipaal jalatti walitti qabamu, gabaa biyya keessaa Madhubani jedhamu kan bulchiinsa Hindii Bihaar keessatti argamu. Achitti argamuun hanga dubartiin haadha manaa isaanii taatu isaan filattutti eegu.

Gabaa misirroo “Saurat Mela” ykn “Sabagachihi” jedhama. Waggaatti al tokko dhaabbatee guyyaa 9f turu.

Gabaa abbaa warraa waggoota 700 dura bara mootummaa Karnath Raja Hari Singh eegale jedhamee kan himamu yoo ta’u, dubartoonni abbaa warraa isaaniif ta’a jedhanii amanan akka filataniif hayyamuu eegale jedhama.

Misirroo gabaa keessatti abbaa manaa ta’uuf dhiyaate hundaaf sadarkaa barnootaa isaanii fi haala jireenya maatii irratti hundaa’uun gatiin akka hir’atu himamaa tureera.

Gabaa misirroo aadaa Bihaar injinaroota, hakiimotaa fi hojjettoota mootummaatiin baayyee barbaadamaa akka ta’e himama; Dargaggoonni baay’ee jaallatamoo akka ta’an ragaaleen ni mul’isu.

Filannoo fi bittaa abbaa manaa keessatti, misirroo caalaa maatii ishee filachuuf dursi kennama; Haala kanaan, gatii madaalawaa abbaa manaa muuxannoo qabu ilaaluudhaan kan murtaa’u ta’a.

Hinditti gaa’ilaan akka ofiisaatti seeraan alaa ta’us, dargaggoonni fi ulaagaa guutan dhiironni hin fuudhin ammallee maatii misirroo irraa kaadhima guddaa akka gaafatan himama; Kaayyoon guddaan gabaa misirroo akka hin gatamneefi jedhama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *