Karaalee sirni fuudhaa heerumaa oromoo ittiin gaggeeffamu Kaniin Beektuu Laataa ?

Dark Marriage Image

1/Gabbara

2/wal-gara

3/Buttaa

4/Cabsaa/Aseennaa

5/Dhaala

6/meenbeetoo

 

 

ASEENNAA…

Dur Oromoo Arsii biratti Aseennaan Aadaa Fuudhaaf Heerumaa Dubartiin yoo dhiira tokko jaalatte fedhii isiitiin mana worra gurbaa jaalattee deemtee ittiin heerumtuudha. Dubartiin Aseennaa deemte nama dhaqxe sanii hin ari’amtu. Jaarsi bayee fedhii fi mirgi isii eeggameefii gurbaa barbaaddetti heerumti.

Yoo qe’ee worra gurbicha jaalattee; itti heerumuuf taatuu geettu, akkana jetti…

“Addabaana shifaa ..xabboo mana citaa.

Abbaaf hin dhufne ilmaaf dhufe Golloof hin dhufne golaaf dhufe Worraa afaan golaa na jalaa goraa…” jettee…Siinqee darbitee moonaa loonii buuftee mana ol seenti. Akkasitti fedhii isiitiin nama jaalatetti heerumti. Aadaa kana dhabne…

 

Aseennaa

Sirni gaa’ilaa yookiin fuudhaa fi heerumaa ta’ee kan fedhii intaala qofaan ta’uudha.

Innis isheen filaate gara warra gurba dhaqxee utubaatti harka maratti kan booda bahuun safuudha achumaan hafti.

 

 

Ergaa gurbatu dide, Kennaa warratu dide, Aseennaa anatu dide, Wal qixa wal dhabnee Idootee malee hafne!

Jette intalli!

 

 

Ummanni Oromoo sabaafi sablammoota Itoophiyaa keessa jiran keessaa isa tokko yoo ta’u afaan, aadaa, seenaafi aartii of danda’e kan qabuudha. Saba bal’aa ta’ee kan afaan tokko dubbatuudha.

Aadaasaa   keessaa sirni fuudhaafi heerumaa isa tokko. Fuudhaafi heerumni gosoota hedduu of keessaa qaba. Isaan keessaa kadhatanii fuudhuu, wambeetoo, matadiba, aseennaa, buttaafi dhaalli isaan muraasa. Sirnicha keessatti aartiin, sirni nyaata aadaa, sirni uffata aadaafi kkf ni argamu.

Fuudhaafi heerumni sirna gosoota falaasama Oromoon ittiin walitti firoomuufi walgargaaru keessaa isa tokko. Oromoon Baalee Goobbaas durirraa kaasee sirna fuudhaafi heerumaa gaggeessaa ture. Haa ta’u malee hinqoratamne. Barreeffamni kunis  sirna hawaasa keessatti beekamaa ta’e kanarratti xiyyeefffata. Sirna fuudhaafi heerumaa kana isa hawaasni afaaniifi raawwiidhaan dhimma itti bahaa ture barreeffamaan kaahuufi.

Fuudhaafi heeruma

Fuudhaafi heeruma jechuun sirna ilmi umriinsaa fuudhaaf gahe intala umriinshii heerumaaf gahe waliin bultii ijaaruu jechuudha. Kunis jreenya haaraa, mana haaraa, nama haaraa /gosa biraa /waliin walitti firoomanii jiraachuudha. Akka Aanaa Goobbaatti akaakuuwwan fuudhaafi heerumaa hanga torbaatu jiru. Isaanis:

Walgama/ Walgara

Walgarri akaakuu fuudhaafi heerumaa keessaa tokko ta’ee akkuma maqaansaa ibsutti dubroota/ qarreewwan  heerumaaf gahan lama waljijjiiruu jechuudha. Kana jechuunis ilma fuudhaaf gahe tokko obboleetttiisaa ykn firasaa dhiyoo obboleessa  intala fuudhuutiif kennuudha.

               Mata diba

Akkuma aadaatitti walii kennanii, ilaallattanii nama fixeensa dhahu /xawaajoo ergatanii erga walii kennanii guyyaan cidhaa kalaayee booda abbaan gurbaafi intalaa waliin mari’atanii rakkoo ofii walii ibsanii guyyaa ilaalaa akka fudhatu, osoo cidha hingodhatin walfuudhuu jechuudha.

Wambeetoo

Intala takka gurbaan kadhatee osoo hinfuudhin yoo duute tabiraa bakka buusuuf. Obboleettii, adaadaa ykn  kan firaa ta’uu dandeessi. Yoo heerumtee duutes wambeetoo ni gaafatu, isaanis bakka buusuuf. Yoo dubra taate cidha godhatee fuudha. Dubri yoo hinjiraannes kan heerumtee hiikte fuudhuu danda’a.

Sababnisaas haati duute sun ilmaan qabdi, ilmaan san immoo kan bakka buusaniif sun fira dhiigaa haadhasaanii waan taateef akka ilmoo ofiitti ilaalti. Obbolleettiin /adaadaan/firri ilmaan haati irraa duutee akka kan ofiitti ilaalti waan ta’eef.

Dhaala

Akaakuun fuudhaafi heerumaa kun immoo obboleewwan dhiiraa fuudhan lamaan keessaa tokko yoo du’e kan jiru sun haadha warraa obboleessasaa sana fuudha/dhaala. Yoo angafni jiraate angafatu dhaala. Angafni jiru umriidhaan niitii dhirsi jalaa du’e kan caalu yoo ta’e diduu dandeessi.

Yeroo kana angafaan eebbisi jedhaniin. Inni eebbisu malee taquxusuu fuudhuu  hindanda’u. Obboleewwan namicha du’ee yoo hinjiraatin ilmaan abbeerotaatu (ilmaan obboleewwan lamaanii)tu fuudha.  Kunis dhabame yoo ta’e gosa keessaa nama soquuf, sababnisaas ilmaan namicha du’ee kanaaf firatu tola waan ta’eef.

Kan hinfuunes dhaaluu danda’a. Namichi dhaale loon ni tiksaaf, loon ni godaansisa, lafa ni qotaaf, ilmaan maqaa abbaa du’eetiin waamamu. Kan dhaaleen abbeeraa jedhanii waamu. Sababnisaas maqaan obboleessasaa akka hindhokanneef ykn hindagatamneef.

Kan dhaale kun ilma biraa niitii dhaale tanarraa argachuu danda’a. Ilmaan isaaf dhalatan kun immoo maqaa namicha dhaaleetiin waamamu.

Aseennaa

Intalti takka erga heerumaaf geettee osoo hinkadhatamin yoo turte, kadhaa wayii yoo itti hinjiraatin. Gurbaa hinfuudhin, warra gaarii kan qabu ilaallattee filatti. Galgala siiqqee, hiddii, qabattee   waatilee  warraa badheetti ilaaluun yeroo galuuf ka’an itti makamtee suuta jechuun waliin deemtee dawoo warra gurbaa yeroo geessu suuta jettee /dhokattee, osoo namni tokko hinarginiin mana ol seentee, hiddiifi siiqqee manatti  darbuun utubaa qabattee “Aseennaa fakkaannaa heeruma fakkaannaa” jetti. Osoo ishiin utubaa bira hingahin yoo arganii dhorkan achumaan deebiti. Yoo utubaa duursitee qabatte immoo achumaan hafti.

Fudhata/ butii

Fudhatni ykn butiin akaakuu fuudhaafi heerumaa Oromoon dur tumatee jiru ta’uu baatus hawaasni sababoota garaagaraatiin (baasii dheeffa,  intala dura kadhatanii yoo dhooggatan, umriin mucayyoo gaa’ilaaf yoo hingahiniifi gosti gurbaa gosa hinjaalatamne kkf yoo ta’e) butii kanatti fayyadamu. Gurbaan intala namaa yoo bute, harkaan qabachuun yakka waan ta’eef araaraan fixata. Kanaafuu araaraan fixatee waan fuudhuuf gosa fuudhaafi heerumaa keessaa tokko.

Kadhatanii fuudhuu /Alangee laaftuu/ bareertoo

Akaakuu fuudhaafi heerumaa abbaafi haati ykn firri gurbaa fuudhuu dubra ilaalanii jaalataniifii, jaarsa gara warra intalaatti ergatanii kadhatanii ulaagaa barbaachisu guutuun fuudhuudha ykn gaa’ila raawwachuudha.

      Adeemsa kadhatanii fuudhuu

Kadhatanii fuudhuun akaakuuwwan fuudhaafi heerumaa keessaa tokko ta’ee isa beekkamaafi filatamaadha. Ilmi fuudhaaf gahe maatiinsaa ykn firas ta’uu danda’a intala heerumaaf geette maatiishii jala qorachuun warra gaarii, gosa gaariirraa kan dhalatte, naamusaafi ogummaa kan qabdu yoo taate galgala haasa’anii nama fixeensa dhahu (xawaajoo) gara warra intalaatti ergu. Guyyaa duraa jaarsi tokko ulee qofa qabachuun manaa baha. Guyyaa duraa kana yoo abbaatti qajeeluu baates angafa abbaatti (abbeeraa ykn obboleessa abbaa mucattiitti)  dhaqa. Erga itti dhaqees akkas jedhaan

“ Abboo ani haajaaf sitti dhufee

           Haajaan ka maali

           Hamileef sitti dhufe

           Hamileen maali

           Hamileen ta ilmaa intalaati

           Suniyyuu mucayyoo ebaluu keessanii

           Ta ebelu jedhaniin muca ebeluutiif

           Ta ebelu jedhaniiniif nuu kennaa” jedhaan

Angafni abbaa  mucattiis

           “Sila gurbaan kun haatisaa eessa ?

Eessummansaa hoo eessa?” jedhee qorataan. Jaarsi fixeensa dhahaan kunis itti hima. Kana booda angafni abbaa mucattiis ni beellamaaf,

“Mee maarree siif hubadhaa, biraan siif gahaa gaafa akkanaa natti deebi’i” jedhaan. Abbeeraan kunis abbaa mucattii bira deemuun “Namatu dhufee, intala tee ta ebelu jedhaniin (ta angafaa,  ta quxisuu, ta sadaffaa) gurbaa ebeluutiif si gaafatan jedhee itti hima.

Abbaan intalaas yoo gosa gurbaa jaalate “Maarree hinkenninaa, adda kiyya hinkennuu, ardaadhaan  gahannaa, firaan gahannaa” jedhaan.  Guyyaa lammaffaas jaarsi fixeensa dhahaa sun mana abbaa mucattii kadhatamtuu deema.

Warri mucattiis “Nutti deebi’aa” jedhaniin  har’as osoo mana hinseenin alumaan deebi’a. Guyyaa sadaffaa jaarsi fixeensa dhahaan jaarsota biraa dabalatee dhaqa. Guyyaa kana warri mucattii “siif kenninee, tasbee fidadhuu koottu” jedhaniin. Gaafa guyyaa afraffaa abbaan mucaafi jaarsonni manasaaniitii dhibaafatanii tasbee, qubee, callee, margaafi uffata qabatanii dhaqu.

Guyyaan kun qubee margaa jedhamee waamama. Guyyaa kana ardaan ni eegaan manas ni seenu, ni dhibaafatu buna gurraacha soogidda hinqabne dhaabanii mataarraa qicanii damma, garbuufi bishaan qorraadhaan walitti makanii  qorii duwwaatti qicuun mataa intalaatti dhibaasu. Kunis aadaa Oromootti kan mul’isu garbuun daraaraa, dammi mi’aa bishaan qorraan dhukkuba kan hinqabne ta’uu mul’isa.

Tasbeen fidanii dhaqan callee, qubeefi marga of keessaa qabdi. Mucattiin kaadhimamtu tun tasbeefi qubee jaarsaas mormatti, sageettuu (bitoo) immoo  harka lamaanittuu keewwatti. Guyyaan kun immoo Qubee jaarsaa jedhama. Jaarsonni gaafa kana dhufan 3-10 (sadi’ii hanga kudhanii) ta’uu danda’u.

Guyyaa shanaffaarratti jaarsonniifi abbaan gurbaa  gama gurbaa fuudhuutii dhufan daraaraa qabatanii dhaqu. Kan gama warra intala heerumtuus daraaraa qabatanii eegu. Daraaraa jechuun mijuudha  nyaata aadaa kanneen akka shakakaa, buraatoofi aannan fa’a jechuudha. Erga nagaa gaafatanii taa’anii booda warri manaa “teessumti isinii taatee” jedhanii keessummoonni dhufanis “ee nuu taate” jedhaniin. Kana booda faataan (eebbi) jalqabaa kan warra intalaati.

         “faataan hamilee haa qajeeitu…

Mijuun gamaa gamanaan kennama. Ittaansuunis warri gurbaa warra intalaatiin “jaarsa nuu kennaa” jedhuun. Maanguddoon lama ni kennamaaf. Maanguddoonni lameen kunniinis fuuldura warra gurbaa taa’u.

“faataan hamilee, hamileen ka ilmaa intalaati

        Intalti ta ebeluuti gosa sani ilmi ka ebeluuti

        Gosa sani, faataan wanni hamilfattu qubee jaarsaati

Guyyaa Nikayaallee (Qaraxaallee) Sirra Kajeela” jedhanii jaarsonni lameen filaman san gaafatu. Jaarsonnillee ergaasaanii kana gara intalaatti dabarsu.“Hayyee faataan hamilee, hamileen ta ilmaa intalaati, akkana jedhanii maal jettan” jedhanii walgaafatu. “Maarree   sii jaaladhee, meeshaa fidde kennadhu” jedhanii meeshaa irraa fuudhu.

 

Sabbatmarii ykn Irra
dhaaba

Gosti gaa’elaa kun ammoo
osoo warri intalaa quba
hin qabaatiin tasuma itti
dhufanii akka aadaatti
hatattamaan akka
kennaniif gaafachuu fi
fuudhuudha.

5.Aseennaa

Intalli manatti hafte ykn nama itti heerumuu barbaadde waan duudhaa fi aadaa guuttattee mana warra gurbaa dhaquudha. Egaa gosti fuudha fi heerumaa hala kanaan bakka gara garaatti qoodama. Adeemsi isaanis gargari. Isaan kana keessaa kan ummata biratti kabajamaa fi seera qabeessa ta’ee beekamu, sirna Gaa’elaa kan marii warraa fi warra walfuudhaniin raawwatamu isa sirna Cichaan raawwatamuudha. Kunis jalqabaa irraa hanga xumuraatti adeemsaa fi tartiiba mataa isaa danda’e, duudhaa fi jifuu guutamuu qaban, wallee fi sirba kana waliin deemanii fi kkf. ofi keessaa qaba.

Qopheesaan    Obsaa Kadiir Bariisoo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *