Wa’ee Ateetee Hammam Beektuu?

Oromoo girls

Ateeteen seera sirna Gadaa keessatti, dubartoonni ittiin mirga ofii kabachiifataniidha. Akka aadaa Sirna Gadaatti mirgi dhiiraa fi dubartii wolqixa. Kunis Ateetee Deemsisaa jedhamuun beekkama. Seera kana keessatti abbaan worraas dubartii akka hin miine kan dhoorguudha. Keessattuu, dubartii Qanafaa. Qanafaan faaya dubartiin deette ji’a jahaaf addatti godhattuudha. Yeroo kanatti kabaja addaa qabdi. Abbaan manaas hin dhaanu, fedha isii malee woliin rafuu hin danda’u. Kanamales bakka bishaanii fi bakka hoofcoottis dabaree hin eeggattu, dursa kennuufi. Kun kabaja Oromoon dubartiif qabu agarsiisa. 

So When Talking About Ateetee,We Never must forget,We are talking about Girls In Equality.

Dubartii Qanafaa Abbaan worraa yoo dhaane, gurmuu Ateetee kanaan adabu. Haalli adabbii kanaas seera mataa isaa qaba. Innis akkas; Dubartiin abbaa worraatiin dhaanamte tun baatee ilillfatti. Ililtaan sun naa birmadhaa akka jechuuti. Yeroo kana dubartoonni ollaa birmannaa dhufu. Deettuu dhaanuun akka yakka ta’e beeku. Yakka kanaaf adabsiisanii mirga isaanii kabachiifatu. 

“Hintala aayyaa dhageettee, Oduun si geettee;

Ana dhaananii dhageettee, Oduun si geettee” Jechaa deettuu dhaanamte qabatanii, ililfataa dubartoota biraa akka bahan taasisu. Dubartoonni haara ililtaa kana dhagahuun itti dabalamanis, dura marga muranii itti kennuun itti makamu. Marga muranii kennuun sun nu offolchaa akka jechuuti.

“Intala aayyaa dhageettee, oduun si geettee;

An duulaaf bahee dhageettee, oduun si geettee;

Qanafaa qabaa dhageettee, oduun si geettee;

Hanfalaa teephaa dhageettee, oduun si geettee

An falaaf deemaa dhageettee, oduun si geettee” jechaa dubartii mirgi sarbameef fala barbaacha akka deeman, faaruun himaa deemu. Dubartoonni sagalee kana dhagahanis bahanii itti makamuun woliin deemu. 

Dubartii birmannaaf deemtu yoo arge, abbaan worraa dhoorguu hinqabu. Yoo dhoorge innis ni adabama. Dubartiin sagalee kana osoo dhageettu jalaa diddee gara manaa deemtus hin dhiisan. Manatti goranii akka baatu taasisu. Yoo kanas akkas jechaa dhaqu;

“Garbuu daakkattuu, ima daakkattaa

Maaf na waakkattaa!” sana booda mana seenanii dirqiin manaa baasanii, adabanii dhadhaa irraa dibatanii, aannan irraa dhuganii, fuudhanii gara dubartii dhaanamteetti deemsa itti fufu. Sana booda dubartoota umriin buleeyyii ta’anii fi ta dhaanamte ufi dura gara mana dubartii dhaanamteetti ergan. Isaan dura dhaqanii akka achitti eeganiif, warri hafan ammas humna dabalachuuf bakka biraa deemu. Yoo kanas akkana jedhu;

“Aayyiyyoo Sireen gootaa fageennaa;

Gurbaan gootaa dhageennaa, mee bira geennaa!” Kana jechuun gootummaan seera si cabsiise, eessaan akka si gahu ilaalla jechuun dhaadachuu muldhisa. Yeroo kana dubartoonni hundi Siinqee qabatanii deemu. Siinqeen ammo kabaja dubartiiti. Namni dubartii siinqee harkaa qabdutti dhufe dura hin qaxxaamuru. Yoo hoffoltii gaafate malee. 

Akkuma Gamtaa cimsataniin, taphachaa gara mana dubartii dhaanamteetti deemu. Dubartoonni dura biraa hafanii fi isiin dhaanamte yeroo kana ol ka’uun ililfatanii simatu. Achi booda “gurbaan deebi’ee, eessa jira?” jechuun wolgaafatu. Shanachi ykn jaarsonni olla sanaa, Akkuma sagalee ililtaa kana dhagahaniin taa’anii, ergaa isaanii ufirratti eegu. Worri dhiiraa naannoo sana jiranis, dubartoota kanatti dhaquun, “Dhiltee dhinnaa” jechuun, eega isaan “Obba’aa” jedhaniin booda maaliif akka wolitti bahan gaafatanii taa’aa jedhuun. Yoo kana dubartoonni akkas jechuun himatti; “Maarree faantuu na godhee, hin jirree natti baasee, woyyuu dhaanee, faantuun tun ta ardaa geettuu, ta woyyicha geettuu, ta shanacha geettuu, ta bokkuu geettu, gadi hintaa’uu, mirga kiyya kabachiifachuuf bahee, bokkicha naa waami, shanacha naa waami” jechuun dhiira dhufe kanatti himatu. Yoo kana isaanis “Maarree dhugaa teessan bokkicha isinii jedhaa, shanacha isinii jedhaa, isinii yaamna” jedhanii hoffoltii gaafachuun, shanacha waamuuf deeman. 

Jaarsota bira Akkuma dhaqaniin, dubartootatu nu ergate, “Abbaa Gadaa nuu dubbisaa” jedhan, jedhanii itti himan. Shanachis Akkuma dhagaheen, dubartiin woyyu waan taateef awwaatee bakka isaan jiranitti dhaqa. Osoo gadi hin taa’in, “Dhiltee Dhinnaa” jedhanii hoffoltii gaafatan. Dubartoonnis, “Obba’aa, Ijarraa hafaa” jedhaniin dubbii osoo gadi hintaa’in himatu. “Maaliif ala baatan?” Manguddotu jedhaan. “Hin dhaanamne, hin miidhamne, faantuttu nutti bahe, qanafatu dhaaname, uumee tiyya malee gadi hintaa’u, bokkichi naa ergitaafii, naa jettaafii” jechuun himatu. Shanachis akka isaan taa’anii fi dubbicha akka laalaniif waadaa galanii teessisu. Yoo kana ililfataa taa’u.

Sana booda Sirna Araaraattu raawwata. Sirni Araaraa ammo koottu dhufeen raawwatama. Koottu dhufeen qoraa murtii qaba. Qora jechuun namoota jaarsummaa kana keessatti dubbii wolitti fudhachuun waan ta’e qorataniidha. Sirnya kana kan eegalchiisu Abbaa Gadaati. Akkas jechuun akka eegalan taasisa. “Wol-waamii jilba fudhu” Sana booda qorri hangafaa maandhaan woljalaa qabee koottu dhufee eegala. Qorri wolitti fudhatee, akka dubartiin himattuuf dabaree kennaaf. Carraa kennameef kana fudhachuun dubartiin ni himatti. Akkuma gama oliitti jechaa turte sanitti. Akkuma himannaa kana dhageeffatee ka’een Murtichi, “jilba cabseefii muramtee, deettuu dhaaneefii muramtee, uumaan jirre hojjateefii muramtee, didaa ta’u natti himtaafii, fidhataa ta’u dafee dhufaafii muramtee, harkaa dirra kennataa muramtee, kanan kennu jedhu gadaa shan itti baasaa muramtee, hinjirreen itti jedhaa muramtee, akka kana qori” jedhee qoraa kennaafi. Qorri lamaan wolgaafatee, maal akka godhu wolii galee, gurbaa yakka hojjate dhiheessuuf ka’a. Ammas dubartoonni tapha isaanii akkas jechuun itti fufu;

“Sangaa qaltan malee, Mucaa fiddan malee

Dhiiseen galuu, Dhiitee qaluu

Ta caccabsan tanaa, Ta cabsantuu anaa

Dhiiseen galuu, Dhiitee qaluu” kana jechuun haga irraa qalamutti, haga adabamutti hingallu akka jechuuti.

Yakkamaan eega dhufe, qorri yakka qoratee, murtiif abbaa murtiitti (Gadatti) kenna. Qorri abbaa worraa teesisee maaf yakkitee gaafata. Yakkamaan yakka isaa dheessee bahuu waan hin dandeenneef ni amana. Abbaan Murtii eega yakkamaan amanaa ta’e, waan murtiin qabdu irraa fuusisa. Murtiin akkanaa ammo korma isa qalchisiisa. Garuu murtii kana akka hirdhisaniif gaafachuu danda’a yakkamaan. Kanas Shanachi deebi’ee dubartootaan gaha. Waan argeefis akka irraa fudhattu itti hima. “Guutuu sii muree, narraa fudhu” jedhaan. Murtichatti yoo gammadan ililtaan simatu. Gurbaan yakka hojjate, dubartoota ateetee tana jalatti kufee dhiifama gaafata. Dubartoonnis marga irra kaayanii, aannani obaasanii, damma itti biifaanii, woliin dhuganii araara buusanii, woliin nyaatanii sirnicha raawwatan. Sirnyi guddaan Ateetee, kabaja dubartootaa eegsisu kun haala kanaan goolabama! Ulfaadhaa waan dubbiftaniif!

Obsaa Kadiir Bariisootiin!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *